2 Samuel 10:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri gosa Amoni aka Daudi nyaapa ufifi tolchani hubate, jennaani askarti Shamu ta kuma diddama ta Bethiresbufi Soba d'ufteefi askarti kuma kud'ani lama ta Tobu d'ufte ammalle hayyu Maaka nama kuma toko woliini hori baaseefi goli ufi tolfate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Amoonotaa ufumaan Daawitiin akka diina ufii godhan haga hubatan Amoonota keessaa nama erganii worra Sooriya'aa ka Beeta Ro'aabii Suubaa keessaa namoota lukaan deeman kuma diddama; mootummaa Maa'ikaa keessaa namoota kuma kudhanii fi Xuubiin keessaallee namoota kuma kudha lamaa qaxaran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amoonoti akka Daawiti isaan jibbe yennaa hubatane, qachaa Bet-Rehoobiitii fi qachaa Zobaatiitiin loltoota miilaa ta Sooriya'aa kuma diddama, mootiin Ma'akaa namoota isaa kuma tokko woliin, qachaa Xoobii keessalle'ee namoota kuma kudhanii lama qaxaratane.