2 Samuel 10:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Amoni diraa gabahe fullo dira Raba durati wolti bahe had'iisa kurfefate, ka worri Seriatifi Tobatifi Maaka ballinna lafa keesati gama ufitini had'iisa kurfefate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Amoonotaallee bayanii karra seensaa afo'otti quphatan; namoonni Suuba'aa Ra'aabii, Sooriya'aa Xuubiitii fi Maa'ika'aallee hojjuma ufii araddaa badhaa keessa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amoonoti bayanee balbala seensuma karra qachaa isaanii duratti addee qabatane; worri Sooriya'aa ka qachaa Zoba'aatii fi ka qachaa Bet-Rehoobii akkasuma namooti qachaa Xoobiitii fi namooti Ma'akaa qofuu diida keessatti addee qabatane.