2 Samuel 11:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyyaani boha kaani hobanaani Daudini isi yaame manati galfate; akanaani isiini niiti isaa taate, ilma deetefi. Ammo wonti Daudini tahe suni AABBO Waaqa diqole ingammachiimne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga booya nageeffatteen maayessa Daawiti isi'itti nama ergee akka dhuftu taasisee haadha manaa taateefii isaa ilma dhiiraa deette; garuu wonti Daawiti godhe maruu Rabbiin biratti waan hamaa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaan isiin gaddite dabareen duuba, Daawiti nama itti ergee gara mana ifii akka isii fidanu godhe; isiille haadha manaa isaaf teetee ilma isaaf deette; te'uu malee wonni Daawiti godhe kun Mootii Waan Maraa hin gammachiinne.