2 Samuel 11:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni nama erge waan jed'eeni, Beni, niiti suni odeefad'u. Namichi deebie waan jed'eeni, Bita, isiini Bathsheba niiti Uria ta namicha gosa Hiti kaani, ta abbaani isi Eliamu jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf isiin eennuun akka taate beeku'uuf Daawiti nama tokko erge; isiin Beersaabeehi jedhamti; inni isii haadha manaa Ooriyoo ilma Eeliyaamii gosa Hitaawotaa akka taate beeke.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti nama itti ergee marroo isi'ii akka qoratu godhe; namichi deebisee, «Isiin niitii Uriiyaa nama biyya Heetii, intala Elii'aamii Baat-Sheeba'aa motii?» jedhe.