2 Samuel 11:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini nama iti erge yaame, worri suni isiini d'ufe, jennaani inni isi bira rafe. (Isiini d'io aada uwa d'iqate qulqulloofte.) Duuba isiini kaate galte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti isi'itti namoota ergee waamsisee bira gaye; hennaan sun hennaa dubartiin garaa argitu irraa dhaabate ture; achiin maayessa dubartittiin gara mana ufii deebite.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba nama itti ergee akka isii fidanu godhe; isiin isa bira yennaa dhutte aadaa seera dubarti'ii irraa qulqulloonteertiiyyu; Daawitille isii woliin rafe; achiin duuba isiin gara manaa deente.