2 Samuel 11:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni waan Uriani jed'e, Beni gali, diqo hafuura baafad'u. Uriani isa biraa deeme jennaani, Daudini mana isaati wo ergeefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Daawiti Ooriyooniin, «Eeganaa gara manaa deemii luka kee dhiqadhu» Jedheen; Ooriyoon Daawitiin afo'oo akkuma bayeen Daawiti yoosuu nyaata ergeef;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Daawiti Uriiyaan, «Gara mana keetii dhaqiitii miila keeti dhiqadhuu foorfadhu» jedhe; maarre Uriiyaan mana mootumma'aatii baye; mootichille kennansa isa gula erge.