2 Samuel 12:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini worruma kanke keesa nama si balleesu sitiini d'ufa. Gaafa anini nad'eeni tante siraa fuud'e namaa kennu waan suni agarta; duuba nami suni akuma atini agartu guyya gudda nad'eeni teetiini rafa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi waan hamaa mana kee keessaa sitti kaasa; haawwota manaa teellee uduu ati argitu fira keetii kenna; guyyamaan namoonni haawwota manaa tee woliin ciisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo ani manuma keeti keessaa badii sitti hin fida; ati adoo dhaggituu niitota teeti si jalaa fuudhee nama fira keeti ka aante'eetiif hin kenna; inni guyyumaan niitota teeti woliin hin rafa.