2 Samuel 12:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini Waaqa kad'ate, aka daima suni fayyu. Inni sagale nyaachu dide, halkani ch'ufa mana ufi keesa sire lakise lafa rafe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti Rabbi akka daa'ima isaa fayyisuuf soomaa fi sagadaan Rabbiin kadhate; galgala manatti galee rafe;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti marroo muca'aatiif laamee Mootii Waan Maraa daadimate; gara kolloo taqee ifii seenee galgala mara lafa rafe.