2 Samuel 12:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini kae bisaani nafa d'iqate, mata filate woya d'ibi keeyate Mana Waaqa d'aqe, AABBO Waaqa kad'ate. Jennaani mana ufiti deebie, sagale nati kenna jed'e, akuma iti kennaniini nyaate hobaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti lafaa ka'ee dhiqatee dibatee uffata ufii jijjiiratee gara mana Woyyuu Rabbii seenee sagade; achiin maayessa gara mana mootummaa ufii deebi'ee nyaata naa fidaa jedhe isaanillee nyaata isaa finnaan nyaate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Daawiti lafaa ol ka'ee, dhiqatee, iffatee woyaa jijjiirateen duuba, gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee Mootii Waan Maraatiif sagade. Achiin duuba gara mana ifii dhaqee, sagalee akka isaaf dhikeessanu gaafate; isaan sagalee isaaf dhikeessane; innille nyaate.