2 Samuel 12:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo hiyyeesi sunini ilme hoola toko bitate qaba; ta inni guddo qorqorate ilmaani ufi woliini guddise. Inni sagaluma ufi ta sooratu fa isii kenna, ammalle woma ufi keesa wo d'uguni isi gololche hampaare ufira teesise. Ilmeeni suni akuma intala inni d'ale isati jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hiyyeessi garuu ilmoo hoola'aa takkattii ta qarshii ufiitiin bitate qaba; isii san kunuunsa'aa mana ufii keessatti ijoollee ufii woliin guddisa'aanii ture; nyaata ufii nyaatu nyaachisa'aa, waan ufii dhugu irraallee obaasa'aanii ture; hennaa ciiftullee ammata'aanii ture; ilmoon sun akkuma daa'ima isaa turte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
hiyyeessichi ammoo ilmee hoole'ee ta bitate takka malee, waan tokkolle hin qabu; inni isii san kunuunsee ijoollee isaa woliin guddatte; isiin isa woliin nyaataa unaa bobaa isaa jala bultiiyyu; isiin isaaf akkuma intala isaa ti.