2 Samuel 12:31 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra dira sule sibiila woini ch'iranifi, jembeefi d'agara iti kenne irreeni hojachise d'oqe supa matofaara mid'aasa jed'eeni inni worra Amoni ka dira d'ibi keesa jirule akasuma tolche. Duuba isaafi askartini isaa taani ch'ufti Yerusalemuti dachaani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii qachattii san keessa jiran baasee haamtuu mukaatiin, qottoo sibiilaatii fi dhagaraa sibiilaatiin hujii akka hujan godhe; faara akka hojjatanii fi qachaa Amoonii maraa keessattuu akkasuma godhan; Daawitii fi baniin maruu gara Yerusaalemii deebi'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni kolbaa achi keessa jirtu gad baasee magaazi'iin, qotto'oo fi agara'aan hujii hunnaa akka hujanu godhe; biyyee faaraa loobanee xuubii akka hujanu godhe. Inni qachaa Amoonotaa mara keessatti tana huje. Achii duuba Daawitii fi loltooti isaa marti gara Yerusaalemii deebi'ane.