2 Samuel 12:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya toko keessumichi toko worra namicha dureesa kaani d'ufe. Namichi dureesi kaani hori ufi qalu dide, d'aqe ilme namicha hiyyeesa kaani fuud'e qale keessumicha nyaachise jed'e akana mammaakhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa tokko gara mana dureessichaa keessummaan tokko dhufe; namichi dureessi sun nyaata keessummichaa qopheessu'uuf horii ufii keessaa tokkollee qaluu hin barbaanne; ka ufii dhiisee ilmoo namicha hiyyeessaa fuudhee qalee keessummichaa nyaata qopheesse»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa tokko keessummaan tokko gara mana namicha dureessichaa dhufe; namichi dureessichi sun keessummaa gara isaa dhufe saniif hoolee yookiin hoorii ifii keessaa tokko qalee nyaachisiisa hin barbaanne; garuu ilmee hoole'ee ta namicha hiyyeessa sanii nama keessummaa mana isaa dhufe saniif qalee sagalee qopheesse» jedhe.