2 Samuel 13:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleesi isii Absalomuni isi arge jennaani waan jed'eeni, Oboleesa kanke Amnoniti akana si fafeese? Oboleeti tiyya ch'alli, inni oboleesuma keeti, akana garaa inhamatini. Akanaani Tamarini mana Absalomu keesa teete, ka garaani hammaate gammada d'abde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleessi isi'ii Abeseloom, «Obboleessa kee Aminoontu si salphisee? Obboleettii tiyya amma cadhi; obboleessa kee waan ta'eef waan kana garaa kee keessatti hin qabatin» isi'iin jedhe; achiin maayessa Timaar mana obboleessa ufii Abeseloomii hojja ufii teette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleessi isi'ii Abiishaalom isi'iin, «Obboleessi keeti sun Amnoon si woliin jiraayyuu? Obboleettii tiyya cadhisi, inni obboleessa keeti waan te'eef, dubbii tana gadhaa keeti keessatti hin qabatin» jedhe; Taamaar salphattee nama irraa adda baatee mana Abiishaalomii obboleessa ifii keessa leete.