2 Samuel 13:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi waan jed'eeni, Hiyo, laki ilma kiyya nu ch'ufti d'ufu himmalle, hegeri si gaargalchina. Ato Absalomuni guddo kad'atele hayyichi isa gula deebiu dide eebisefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichillee Abeseloomiin, «Keessummaan waan sitti baay'atuuf nu marti dhufuu hin barbaachisu.» jedheen. Abeseloom garuu jabeessee isa kadhate; mootichi ammo eebbiseenii hafe; isa woliin hin deemne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Daawiti ammoo Abiishaalomiin, «Lakkii ilma kiyya, nuuti marti hin dhunnu; nuuti marti yoo dhunne, ba'aa si irratti hin teena» jedhe; Abiishaalom isa jabeessee kadhatulle inni dhaqiisa hin barbaanne; garuu isa eebbisee geegesse.