2 Samuel 13:29 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba jari Absalomu kaani dubbi isaa gula yae Amnoni ijeese. Jennaani ilmaani hayyu taani ch'ufti gaangele ufii yaabate baqate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hojjattoonni Abeseloomii akka Abeseloom isaan ajajetti Aminooniin ajjeesan; ijoolleen mooti'ii maruu ka'anii gaangiin ufii yaabbatanii gulufanii dheessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre tajaajiltooti Abiishaalomii akkuma inni isaan ajaje Amnoon ijjeesane; achiin duuba ilmaan mootichaa marti gaangolee ifii irra teettee baqatte.