2 Samuel 13:31 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi olkae aka hama laalefate, woya ufii tarsaase, lafaani ufi d'ae. Hojattuuni isaa ta isa woliini jirtu ch'ufti akasuma laalefate woya ufi tarsaafte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi ka'ee uffata ufii biinxee lafatti kufe; hojjattoonni isaa maruu uffata ufii biinxanii ladda isaa dhaabatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Daawiti ka'ee dhaabbate; gaddee woyaa ifii tarsaasee jige; tajaajiltooti isaalle martinuu gaddanee woyaa ifii tarsaasanee isa bira dhaabbatane.