2 Samuel 13:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Amnonini nama fayya inqamne ufi tolche d'aqe gach'iisse. Hayyichi isaa argu d'ufe jennaani Amnonini waan jed'eeni, Aabbo, oboleeti tiyya Tamari gadi ergi, ha d'ufte qit'a asuma naa d'aabde, harka ufitini na golochituti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Aminoon dhibameera jedhee ciise; mootichi hennaa isa gaafachu'uuf dhufu «obboleettiin tiyya Timaar dhuftee xoroshoo bixilee lamaa uduu ani argu gootee harka ufiitiin akka afaan na keettu si kadhadha» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Amnoon akka dhibamee, taqee ifii irra irkate; mootichi isa gaafatiisaaf yennaa dhufe, inni mootichaan, «Obboleettiin tiyya Taamaar dhuttee, na duratti daabboo bilcheessitee harka ifiitii akka na nyaachittu barbaada» jedhe.