2 Samuel 13:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani isiini eele fuute, isa durati qit'a keesaa guurte isati kennite, ammo inni nyaachu dide waan jed'e, Nama ch'ufa armaa yaasa jennaani nami ch'ufti yae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiin xoroshoo gooteef eelee irraa fuutee dhiyeessiteef inni garuu nyaatuu didee «Nama maraa manaa naa yaasaa'a» jedhe; namoonni maruu hin yaa'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba daabboo bilcheessite san eelee irraa fuutee isaaf dhikeessite; inni ammoo nyaatiisa didatee, «Nama mara asii gad baasa'a» jedhe; nami martinuu isa biraa gad bayane.