2 Samuel 14:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini waan jetteeni, Ee hayyicha AABBO Waaqa kanke na kad'ad'u, aka namichi fiit'a tiyya ka d'iiga gurba kiyya kaani barbaadu, gurba kiyya tokocha hafe injeemne. Daudini waan jed'eeni maqa AABBO Waaqa jirutini siti kakhad'a, aka gurba kanke nami qeench'aleeni intunne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiin, «Worri gumaa isaa baasan deebi'anii akka isa hin balleessine mucaa kiyyallee akka hin ajjeefne maqaa Rabbiitiin waadaa naa gali» jette. Innillee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin mucaa kee rifeensa mataa isaa tokkollee irraa hin buqqisan» isi'iin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiille, «Worri haluu bawu ilma kiyya ka hafe ijjeesanee badii badii caalte akka hin hunye, mooticha maganne'e, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiitiin naaf kakadhu» jette. Mootichi deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, mataa mucaa keetii irraa rifeensi tokkolle lafa hin bu'u» jedheen.