2 Samuel 14:30 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Absalomuni waan hojattu isaatini jed'e, Oobruni Yoabu ta garbu d'aatu oobru tiyya jirti; beena, ibida iti kaya. Jennaani worri kae oobru suni ibida iti kaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abeseloom garboota ufiitiin, «Maasaa daangaa kiyyatti aanee jiru lafa garbu'uu san laala'aatii dhaqa'aa ibiddaan gubaa'a» jedhee isaan ajaje; isaanillee dhaqanii midhaan ibiddaan guban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Abiishaalom tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, fichaan Yo'aabii fichaa kiyyatti aanee jira; inni fichaa ifii keessaa garbuu waan qabuuf dhaqa'aatii ibidda itti naqa'a» jedhe; maarre tajaajiltooti Abiishaalomii fichaa Yo'aabiititti ibidda naqane.