2 Samuel 14:32 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Absalomuni waan jed'eeni, Waan anini si yaame jennaani atini d'ufu dideefi; wonti anini si yaamefi aka atini gara hayyu d'at'e, dubbi tana naa gaafate waan jettu: Anini maanifi Geshuri bahe arma d'ufe? Sila hojja anini achiti hafe ira naa jirti. Absalomuni waan jed'e, Anini hayyu argu fed'a, yo anini wollaala qabaad'e, ha na ijeesuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abeseloom Iyyoo'aabiin, «Ani maaf Geeshuurii dhufe; uduu achi turee jiraadhee naa woyya jedhii waan kiyya gaafadhu; akkasuma ammo akka mooticha woliin wol gayuu danda'u haala naa mijeessi; ani yoo nama yakkamaa ta'e du'a natti haa murteessuu» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abiishaalom Yo'aabiin, «Kunoo, ani akka ati mooticha bira naaf dhaxxee, ‹Ani Geshuurii maaf dhufe? Haga ammaa adoo achuma jiraadhee naaf woyya jedheera› jettee akka isatti hintuuf nama sitti ergadhe; ani amma ila mootichaa dhagguu barbaada; yakkaa yoo qabaadhe inni na ijjeesuu ti!» jedhe.