2 Samuel 14:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma tana, Aabbo, gochiti tiyya ch'ufti nati kaate waan nani jettu, gurba oboleesa isaa d'ae ijeesa kaani nuu kenni, aka waan inni oboleesa isaa ijeesefi nuleeni isa ijeemnu. Duuba hojja worri kara sunini gurba kana ka na d'aalule ijeese, worri daara na d'owe d'iirsa kiyya ka injirrele maqa balleesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa mootii'i! firri kiyya maruu dhufanii ana garbittii teetitti ka'anii ‹mucaa kee ka obboleessa ufii ajjeese yoma ka dhaalullee hin jirree hin ajjeefnaa gad baasi› jedha'aa na rakkisan; yoo waan akkanaa kana godhan abdii tokkocha ani qabu na jalaa balleessu'uuf maqa'aa fi fiixaa abbaa worraa kiyyaallee lafa irraa balleessu'uuf ta'an» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo amma firri duudiin ana tajaajiltuu teeti irratti ka'ee, ‹Ilma keeti ka obboleessa ifii ijjeese san ijjeennee haluu akka baanuuf nutti dabarsii kenni; achiin duuba atille dhaala malee hatta› naan jedhan; isaan ilma kiyya ka anaaf hafe tokkocha ka akka qaanqee ibiddaa san na jalaa balleessanee, maqaa yookiin sanyii abbaa manaa kiyyaa lafa irraa hin balleessan» jette.