2 Samuel 15:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle ato sorio qaluu jiru, Absalomuni nama dira Giloti erge, Ahithofeli, nama Daudi mala d'au, yaame. Mali hayyuuni gaargalchani suni guddo irre horate, golini Absalomunileeni heddatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abeseloom hennaa ciincaa dhiyeessu worra Daawitii gorsa kennan keessaa tokkochi ka Akixoofeel jedhamee waamamu ergamaa itti ergee qachaa Giilo'ootii waamsiseen; hammeenni mooticha irratti mari'atame jabaata'aa, worri Abeseloomiin gargaaranillee laakkobsi isaanii baay'ata'aa deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abiishaalom ciincaa dhikeessiisatti adoo jiruu, Ahiitofel nami biyya Giloo ka Daawitiif gorsa kennutti gara isaa akka dhufuuf nama isatti erge; maarre malli Abiishaalom dhowe jabaatee, namooti isa gula deemanu ittuma bacatane.