2 Samuel 15:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Daudini nama hojattu isa ka Yerusalemu keesa jiru ch'ufa yaame koota, imbaqanna, yo akasi intahiini aka Absalomu duraa baanu inqamnu! Hurrisa! Yokhaani inni yoosu arma d'ufe, nu dabsate nama dira kana keesa jiru ch'ufa hobaasa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Daawiti ajajoota worra isa woliin jiran maraan «Ka'aa ariifannee asii haa baanuu! yoo bawuu baanne Abeseloom dhufee nu fixaa; waan qachaa keessatti argamu maraa hin ajjeesa» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Daawiti bulchitoota ifii ta isa woliin Yerusaalem keessa jiranu maraan, «Nami tokkolle Abiishaalom jalaa bawuu waan hin dandeenneef, kowa'a hin baqanna! Ammumaa asii bawuu qanna; inni ariifatee dhufe yoo nu qabe, nu hin balleessa; namoota qachaa keessa jiranulle shallaaga'aan hin fixa» jedhe.