2 Samuel 15:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ganama ch'ufa fullo dira d'aqe, kara keesa eja. Hojja nami hayyuti wo himatu kara suni gula d'ufu ch'ufa Absalomuni nama suni yaame, atini eesaa d'ufta? Jed'aani, Eegi nami suni gosa ufi himate,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abeseloom ganamaan ka'ee deemee karra gara qachatti'ii seensisu irra dhaabata'aa ture; inni namoota haja'aaf gara mootichaa dhufan maraa ufitti waama'aa ati qachaa kam keessaa dhufte jedha'aa gaafata'aa ture; namichi gosa Israa'elii keessaa akka gosa tokko ta'e haga himeen maayessa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abiishaalom ganama ka'ee karaa gara seensuma karra qacha'aa geessu cinaa dhaabbataayyu; eennulle nami haajaa qabu haajaa ifiitiif muraa dhaggatiisaaf gara mootichaa yennaa dhufu mara, Abiishaalom nama san waamee, «Ati qachaa kamii dhutte?» jedhee gaafata; nami sunille, «Ani tajaajilaan keeti gosa Israa'elii tokko keessaa dhufe» jedhee deebisa.