2 Samuel 16:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyichi waan jed'eeni, Atini waan kana ch'ufa maani tolchita? Sibani waan jed'eeni, Harreleeni waan worri kanke yaabatu ee, hayyicha; qit'afi mid'aani waan askartini tante nyaatu, ammalle daad'ileeni waan worri hojja lafa alooti d'eebote d'ugu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Siiba'aan, «Kun maali'i?» jedheen; Siibaan, «Harriin akka maatiin mootichaa yaabbataniif; xorosho'oo fi munni hurbu'uu akka ijoolleen isaa nyaataniif; daadhiin woyini'ii ammo worri lafa gammoojji'iititti dadhaban haa dhugani'iif» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Daawiti, «Kana mara maaf fidde?» jedhee Ziibaa gaafate. Ziibaan deebisee, «Harreelee, maatiin mootichaa akka irra teettuuf, daabboo, midhaan harru'uutii fi woyni'ii dargaggooti akka nyaatanuuf, daadhii woyni'ii worri goomolee keessatti dadhabe akka unanuuf fide» jedhe.