2 Samuel 16:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Abashaini, ilmi Seruya waan hayyuuni jed'e, Atini maani woni saricha tae si abaaru kana ufiti lakifte? Na gad'iisi, d'aqe mata iraa kuta!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa kana ilmi Tsuuriya'aa Abiisaan mootichaan, «Namichi sareen du'aan kun si'i mootii gooftaa kiyya maaf abaara? Ani amma dhaqee morma isaa mura» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ilmi Zeruyaa Abiishaayi mootichaan, «Sareen du'e kun attam goottaa kiyya mooticha abaara? Ani dhaqee mataa isaa isa irraa kuta» jedhe.