2 Samuel 17:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba nami janni aka nyeench'aleeni insodaata wonti akanatiifi nami Israeli keesa jiru ch'ufti aka abbe nama duula jabaatifi ammalle askartini isaaleeni worra woraana jajaba beekha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbee loltuu jabaa akka ta'ee fi worri isa woliin lolan loltoota jajjabaa akka ta'an worri Israa'eliin keessa jiraatan maruu waan beekaniif loltoonni tee ta akka leencaatitti janna ta'anuu guddisanii sodaachuu danda'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbaan keeti nama lolaan jannaa, namooti isa woliin jiranulle worra janna akka te'ane, Israa'elooti marti waan beekanuuf, nami janni lolaan beekkame ka gadhaan isaa akka gadhaa neenqaatuu isa sodaatee hin sheephisa.