2 Samuel 17:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba mali kiyya kana! Worra Israeli haguma gahuuni ka haga Dani eje Beershebati eju ka haga maansa afaani galaana gahu, wolti yaami atumaani duulini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu wonti ani si gorsu worra daangaa lafaa kallattii arfaniin jiran Daanii haga Beersaabeehiitii fi worra Israa'elii ka akka xindhacha galaanaatitti baay'atan maraa hulee tokkotti wolitti qabii atumti isaaniif ajajaa ta'ii isaan duulchisi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre, gorsi ani sitti gorsu ka asii gad jiru kana: Israa'elooti marti ka Daan irraa jalqaddee haga Bersheeba'aa jirtu ka laakkossi isaanii akka maansa abbaaya'aa si biratti wolitti qabamaneeranuun, atuu isaan sooressii isaan woliin duuli.