2 Samuel 17:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo gaafa toko gurbaani toko worra arge, d'ufe Absalomuti hime; jennaani worri baqate mana namicha toko ka Bahurimu jiruti d'okhate. Namichi suni eela d'aatu mana isaati qaba, duuba worri eela suni duude.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mucaan tokko isaan argee Abeseloomitti hime isaan garuu dafanii hulee sanii deemanii gara Biraaqimii gara mana nama tokkoo dhaqan; dallawa san keessa boollatu jira, boolla san keessa bu'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dargaggeessi tokko ammoo isaan dhaggee, Abiishaalomitti hime; maarre isaan lamaanuu ariiti'iin ka'anee gara qachaa Bahuriimii dhaqanee, mana nama tokkootitti gorane; namichi sun badhinna dalleya ifii keessatti boolla bisaanii waan qabuuf, isaan achi keessa gad bu'ane.