2 Samuel 17:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ahithofelini aka mala isaa didani arge jennaani harre ufi rara ira keeyate, kae worra isati gale waan ufi ch'ufa kurfefate, ufi fannise ufi ijeese. Akanaani due, awaala worra isaani keesati awaalani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akixoofeel baniin akka gorsa isaa faana hin deemne haga arge harree ufii fe'atee gara qacha'aa mana ufiititti galee waa maraa makkeeffatee uf hudhee du'ee awwaala abba'aa biratti awwaalame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ahiitofel gorsi isaa akka hin fudhatanne yennaa dhagge, harree ifii fe'atee gara qacha'aa ka manni isaa keessa jiruu san deeme; mana ifii sirreesseen duuba, suruurraa ifitti keyatee du'e; maarre inni du'ee addee awwaala abbaa ifii keessatti awwaalame.