2 Samuel 18:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni askarti tana ch'ufa fulla saditi gargari qoode, toko Yoabu abba duula iti tolche, tokole oboleesa Yoabu Abishai abba iti tolche kaanile Itai ka dira Gathiti bahe abba iti tolche. Ammalle hayyichi waan jara isaatini jed'e, Aninileeni isani jalaa inhafu, wolumaani yaana.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti banii harka sadihi keessaa tokko Iyyoo'aabiin jalatti, harka sadihi keessaa tokko ammo Itaayii nama gosa Geetii jalatti akka bulan godhe; mootichi bani'iin, «Anillee isin woliin deema» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti loltoota harka sad keessaa harka tokko irratti Yo'aab ajajaa godhee, harka sad keessaa harka tokko irratti obboleessa Yo'aabii ka Zeruyaan deette Abiishaayi ajajaa godhee, harka sad keessaa harka tokko irratti Iitaayii nama biyya Gaatii ajajaa godhee erge; mootichille loltootaan, «Anille dhugumaan isin woliin hin duula» jedhe.