2 Samuel 18:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Ato waan feetu tateele, anini inuma deema. Jennaani Yoabuni waan jed'eeni, Yoosi beeni, iti d'aabad'i. Duuba Ahimaasini kae, kara bale Yordani kaani gula utaale, namicha Kushi kaani qolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee deebisee, «Yoo fiige maaltu si dhibe» jedhe; innillee fiigi» jedheen; Akimaas gara karaa raasa'aatiin fiigee Kuushiin firrise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ahimaaz, «Wonni feete dhuttuutii ani hin fiiga» jedhe; Maarre Yo'aab, «Fiigi lam!» jedheen; achiin duuba Ahimaaz karaa dhooqa Yordaanosii fiigee, nama biyya Itoophiya'aa san dura taree deeme.