2 Samuel 18:31 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani tissichi lafa Kushi kaanileeni d'ufe waan hayyuuni jed'e, Anini arra odu dansaani si d'ufuu jira, ee hayyicha, AABBO Waaqi arra worra siti gargagale nyaapa siti tahe kaani ya si dabsachiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kuushi dhufee mootichaan, «Rabbi worra sitti ka'an maraa akka haluu sii baye oduu qabadhee sii dhufeeraan!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba nami biyya Itoophiya'aa sun dhufee, «Goottaa kiyya mooticha, oduu gammadaa dhage'i! Mootiin Waan Maraa diinota si irratti ka'ane jalaa si baaseera!» jedhe.