2 Samuel 18:32 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi waan jed'eeni, Gurbaani Absalomuni jed'ani kaani bahe? Tissichi waan jed'eeni, Ee hayyichi, nyaapa kanketifi nami siti gamu ch'ufti ha aka inni tahe tahu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Kuushiin, «Abeseloom ka'imtichi nagaya jiraa?» jedheen; Kuushi mootichaan, «Diintonni mootii gooftaa kiyyaa worri hammeennaan sitti ka'an maruu akka ka'imticha sanii haa ta'an!» jedhee deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichille nama biyya Itoophiya'aa saniin, «Dargaggeessichi Abiishaalom fayya'aa?» jedhee gaafate. Nami biyya Itoophiya'aa sun deebisee, «Diinoti goottaa kiyya mootichaatii fi worri si irratti ka'u marti akka dargaggeessicha sanii te'anuu ti» jedhe.