2 Samuel 18:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Had'iisa suni keesa worrii Daudi aka hama worra Israeli dabsate, nama kuma diddama guyyuma suni iraa gate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achitti baniin Israa'elii loltoota Daawitiitiin mooyataman; guyyaa san namoonni isaan jalaa dhuman haga nama kuma diddamaa waan ta'eef akkaataan isaan itti dhuman akka guddisee nama jibbisiisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achitti loltooti Daawitii loltoota Israa'elii injifatte; lolli guyyaa sanii jabaa waan te'eef, nami kum diddam dhumate.