2 Samuel 18:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Absalomuni ka gaange gubba tau ato deemu worra Daudi ira bue, gaangeeni mukha gudda toko jaalani baate jennaani Absalomuni mataani dame mukha keesati rakate, gaangeeni kaate iti d'aabate, Absalomuni achumati rakate hafe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abeseloom akkuma tasaa dimmaa loltoota Daawitiitiin wol gayan; hennaa san Abeseloom Gaangee yaabbateera; gaangeen inni yaabbateeru muka haafa gudda'aa jala uduu lufu rifeensi mataa isaa haafa mukaatiin qabamee uduu lafa hin geenne rarra'e; gaangeen inni yaabbateeru jala lufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abiishaalomii fi loltooti Daawitii dedhuma wolitti bayane; Abiishaalom gaangee irraa te'ee deemiisatti waan jiruuf, gaangeen gongomaa ciggaa keessaa muka guddaa tokko jalaan adoo dabartuu, mataan Abiishaalomii mukaan qabame; gaangeen inni irra tee'e muka san jalaan yennaa dabartu, Abiishaalom rarra'ee hafe.