2 Samuel 19:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbini worri Israeli jed'e suni Daudi geennaani inni jara qaalole kaani, Sadokifi Abiathari, gara jaarole Yuda erge, Isani aka hayyu mana isati galchani maanifi eege aantani? Jed'e gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Daawiti gadoota Saadooqii fi Abiyaataritti akkana jedhee dhaamsa erge; manguddoota Yihuuda'aatitti akkana jedha'aa himaa'a; wonti Israa'elii maruu mooticha bira waan gayeeruuf «Mooticha manatti galchuu diddanii maaf harkifattan?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Daawiti gara hayyoota Zaadoqii fi Abiyaataarii nama ergee, «Jaarsolee Yihuda'aatiin, ‹Waan Israa'el jettu mara ani adduma jirutti dhage'eera; maarre isin mooticha gara mana mootummaa isaa deebittanee fidiisaaf, dura aaniisaaf adoo maltanuu isin maaf duubatti hattane?