2 Samuel 19:27 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
gara kanke d'aqe hamtu tiyya siti haasae, ammo atini malaika Waaqa fakaatta, waan atini feetu tolchi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ana garbicha kee mootii gooftaa kiyyatti na hamate; ati garuu mootiin gooftaa kiyya akka maleekkaa Rabbii waan taateef waan barbaadde godhi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaa kiyya mooticha duralle'etti ana tajaajilaa keeti maqaa balleesseera; ati goottaan kiyya mootichi akka ergamaa Waaqaa waan teeteef, waan feete mara godhi.