2 Samuel 19:43 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Israeli waan worra Yudatini jed'e, Ato inni gosa teesanile taate, isani gosa toko ch'alla, nu gosa kud'ani; tanaafi Daudileni isani ira nuti aana. Isani maanifi nu tufattani? Nami qara waan galisa hayyu dubbate nuuniti? Ammo worri Yuda haga worra Israeli ira miira hamate, oowe, dubbi jajabdu dubbate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Israa'elii deebisanii worra Yihuuda'aatiin «Inni yoma nama keessanillee ta'e nu isa isin caalaa barbaanna; mootummaa isaa keessaa harki kudhanii nuuf mala isin maaf nu tuffattan? worri dura akka mootichi galu gaafii dhiyeesse akka nu ta'e irraanfachuu isin hin barbaachisu!» isaaniin jedhan; Garuu worra Israa'elii caalaa worri Yihuuda'aa mooticha Daawitiin fudhatu'uuf jecha cima'aan wol morman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba namooti Israa'elii deebisanee namoota Yihuda'aatiin, «Nuuti harka kudhan isin caalla; Daawiti irralle'etti isin caalaa mirga qanna; isin maaf nu tuffattan ree? Mootichi akka nu'uuf deebi'u ka dursinee gaafanne nu'u motii?» jedhane. Namooti Yihuda'aa ammoo namoota Israa'elii caalaa deebii jadduu kennane.