2 Samuel 19:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma beeni, worra kanke garaa jabeesi, anini maqa AABBO Waaqatini kakhad'a yo atini akasi intolchini bori askartini tunini nami tokoleeni si bira ineju. Tunini badi guddo toko, ta siti d'uftu, ta atini haguma d'alatte taka inargini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma ka'ii bayii waan loltoota tee jajjabeessu dubbadhu; yoo waan kana hin goone ta'e garuu namni tokkollee akka si woliin hin dhaabanne maqaa Rabbiitiin kakadha; wonti kun hammeenna hennaa daa'imumma'aa irraa jalqabee si irra gaye caalaa rakkoo gudda'atu si irra gaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma ka'iitii namoota jajjabeessi; yoo didde, dhugaa Mootii Waan Maraa ka ka jiraataa te'ee, nami tokkolle galgala kana si biratti hin hafu; tunille farra haga ijoollummaa teetiitii jalqabee si irratti te'e mara caalaa rakkinna si irratti hin fida» jedhe.