2 Samuel 19:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gochiti Israeli fulla ch'ufati aka hama wold'abde, duuba worri waan woliini jed'e, Hayyu Daudini nyaapa keenna duraa nu baase, harka worra Filistile jalaa nu baase, ammo amma inni yayu Absalomu duraa baqate lafa keesaa bahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san biyya maraa irrattuu baniin wol loluu jalqabee akkana woliin jedhan «Mootichi Daawiti diintota keenna worra Filisxeemii jalaa nu hambise; amma garuu Abeseloomiin afo'oo dheessee biyya dhiisee deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gosa Israa'elii mara keessatti kolbaan, «Mootichi harka diinota keennaa jalaa nu baaseera; harka Filisxeemotaa jalalle'ee ka nu baase isa; amma ammoo marroo Abiishaalomiitiif biyyaa baqateera.