2 Samuel 2:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Asahelini ammalle isa jalaa deebiu dide, jennaani Abinerini jinfu woraanatiini ufi duubati garaa tumate fulaanse inni artumati lafa d'ae due, nami arti d'ufe ch'ufti artuma naanae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni garuu isa jalaa siiquu dide; Abaaneerillee arfii ebo'ootiin garaa woraanee eboon isa keessa lufe; inni hulema sanitti kufee du'e; namni maruu hulee Asaaheel kufee itti du'e san yoo gawu hin dhaabata ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Asaahel ammoo isa ari'iisa lakkisuu didate; maarre Abneer qaccee eboo ifiitiin gadhaa isaa woraanee, eboon duuddaan fullaatee baate. Asaahelille achumatti jigee du'e; nami marti addee Asaahel jigee du'e san yennaa geye achuma dhaabbate.