2 Samuel 20:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa Gilgali keesa gaafasi namicha seseega woma keesa injirre ka Sheba jed'ani ka ilma Bikri, ka gosa Benjaminiti jira. Inni magalata d'ae iyye waan jed'e, Daudini ha baduti! Nu nami tokoleeni isa gula iyyaanu, worra Israeli biraa nu galcha!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san ilma Bikirii ka maqaan isaa Saabeehi jedhamu ka gosa Biiniyaamii nama raankee ture; inni «Nu Daawitiin biraa qooda woyiituu hin qabnu; ilma Isseyii biraallee gayee hin qabnu; banii Israa'elii! isin maruu gara daasee keessanii deebi'aa!» jedhee xurumbaa afuufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san ilmi Biikrii Sheebaan Beniyaaminichi nami yabaabulaan tokko achi jiraayyu; inni tultullaa afuufee, «Nuuti Daawiti irraa qooda hin qannu; ilma Iseyii woliin tokkummaa hin qannu; ee, kolbaa Israa'elii tokko tokkoon keessan gara dunkaanii teessanii deebi'a'a!» jedhe.