2 Samuel 20:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amasaani goraade Yoabuni harka kaanii qabu ufira eeguti injiru, duuba Yoabuni goraade sunini garaa keesa tumate, marumaani isa ch'ufa lafa buani, waan inni hojuma suni duefi, Yoabuni woraansa lameeso itindeefanne. Jennaani Yoabufi oboleesi isaa Abishaini Sheba reebu itid'abatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ameesaayi garuu akka guraadeen Iyyoo'aabiin harka jiru hin beenne; Iyyoo'aab garaa isaa woraanee madhumaan isaa lafatti jisse lammeessoo uduu itti hin deebifne du'e; Iyyoo'aabii fi obboleessi isaa Abiisaan Saabeehii ilma Bikirii ari'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amaasaan ammoo Yo'aab shallaagaa akka qabateeru waan hin beekiniif ifi hin eeganeeyyu; Yo'aab shallaaga'aan gadhaa isaa hordee, madhumaan isaa lafatti gad dhowe; inni adoo itti hin lammeessin Amaasaan achumatti du'e; achiin duuba Yo'aabii fi obboleessi isaa Abiishaayi, ilma Biikrii Sheebaa ari'iisa jalqabane.