2 Samuel 20:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu herega suni inqamnu. Namicha Sheba jed'ani ka ilma Bikri, ka lafa gareeni ta Efraimu keesaa bahe, hayyu Daudini morku fed'a. Namicha suni ch'alla nuti keenna dira keesaani biraa yaana. Isiini waan jetteeni mata isa dallaa irani isaniti darbanna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Karoorri keenna kanaa miti; ilmi Bikirii nama biyya Efreemii ka gaara irratti dhalate ka Saabeehi jedhamu mootii Daawitiin irratti lola kaaseera yoo nama kana naa kennitan ani qachattii tana dhiisee deema» jedhee deebiseef. Dubartittiinillee Iyyoo'aabiin, «Morma isaa irraa murree dallawa irraan sii darbina» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubbiin akkasii moti; ilmi Biikrii Sheebaan nami biyya koobittii Efreemii mooticha Daawiti irratti ka'eera; isin isuma callaa dabarsa'aa natti kenna'a, ani qachaa kana lakkisee hin deema» jedhe. Dubartittiille Yo'aabiin, «Mataan isaa dalleya dhaka'aa irraa gad si'iif hin darbama» jette.