2 Samuel 20:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba isiini mala isii kanaani worra dira suniti d'ufte, worri mata Sheba iraa kute, dallaa iraani Yoabuti darbate Jennaani inni magalata d'ae, worri isaa dira suni biraa yae, worra ufiti deebie. Yoabuleeni Yerusalemu fulla hayyuti deebie.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartittiin ogummaa ufiitiin milixxee gara banii qachattii sanii deemte; namoonni garuu morma Saabeehii ilma Bikirii muranii dallawa irraan gara Iyyoo'aabii darban; Iyyoo'aab xurumbaa afuufnaan loltoonni maruu qachattii gad dhiisanii gara mana ufii deeman; Iyyoo'aab garuu mooticha argu'uuf gara Yerusaalemii deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba dubartittiin gara kolbaa mara dhaxxee gorsa ifii ta qarumma'aa kana dubbatte; isaanille mataa Sheebaa ilma Biikrii muranee Yo'aabiif darbane; maarre Yo'aab tultullaa afuufee namooti isaa marti qachaa keessaa bayanee gara mana ifii deebi'ane; Yo'aabille gara mootichaa gara Yerusaalemii deebi'e.