2 Samuel 20:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini mana isaa ka Yerusalemutini bahe jennaani nad'eeni gaarayoota isaa kud'annaani taani, ta inni mana isa qorqorti lakise, guure mana tokoti galche sagale kenneefi, ammo bulti bira gahu dide. Nad'eeni suni haga isiini jirtu rifaane isi lagate akuma haad'a hiyyeesa lakise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti gara mana ufii Yerusaalemitti gale mootichi dubartoota kudhanii ta mata gala itti galu haa mana isaa eeganiif achitti dhiise fuudhee haa isaan eegu'uuf waardiyya'atti kennee waan isaan barbaachisu maraa akka isaanii kennan ajaje; garuu inni isaan bira hin geenne; guyyaa san irraa jalqabee haga guyyaa du'aniititti manuma keessa akka haadha hiyyeessaatitti jiraatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti gara mana mootumma'aa ka Yerusaalem keessaatitti yennaa deebi'e, gursumeeyyii kudhan ka mana mootumma'aa akka eeganuuf lakkise san achii fuudhee, mana tokko keessa galchee achitti akka isaan eeganu godhe; inni sagalee isaaniif kenne; te'uu malee isaan bira hin geenne; isaan haga du'aatitti akka haadhotii hiyyeessaa te'anee, qofii ifii adda bayane le'ane.