2 Samuel 21:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri lafele Saulotifi ta Yonathani awaala Kishi abba Saulo ka Zela lafa Benjamini keesa jiru keesaati awaale. Akanaani waan hayyuuni tolcha jed'e ch'ufa guutani. Eegi suni Waaqi kad'acha worri lafa suni jed'e, kad'ate, d'agaefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa lafee Saa'oliitii fi lafee ilma Saa'olii ka Yoonaata'aa pheelaa biyya Biiniyaamii awwaala abbaa isaa ka Qiisii biratti awwaalanii waan mootichi jedhe maraa raawwatan; Achiin maayessa Rabbi kadhaa waan biyyaatiif isa kadhatan dhagaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Lafee Saa'oliitii fi lafee Yonaataanii ilma isaa, biyya Beniyaamii addee, «Zelaa» jedhantutti addee awwaala Qiishii abbaa Saa'olii keessatti awwaalane; isaan waan mootichi ajaje mara godhane; achiin duuba Mootiin Waan Maraa daadimata kolbaan marroo lafaatiif daadimatte dhage'e.