2 Samuel 21:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba namichi d'eerani furdaani toko, ka Ishibbeenobu jed'ani, ka woraana isaa sibiila diimani mid'aasani, ka ulfiini mata woraana isaa ch'allaani haga kilo sadifi woi gahu, baate, goraade hareetile hid'ate, Daudi ijeesa jed'e kae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni gosa Raffaayimii ka Yishibibnoob jedhamu jabaan tokko Daawitiin ajjeesuu yaade; meeshaan lolaa ka inni hidhate haarofni ulfaatinni isaa saqilii sadihii fi wodhakkaa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sanyii Refaa'otaa keessaa Ishibii-Benoob, eboo sageettuu irraa hujante ta kiiloogiraama sadii fi wodhakka'aa qabatee, shallaagaa haareya hidhate tokko Daawiti ijjeesiisaaf barbaade.